+251 2212-49-61, +251 22212-59-49 Adama City, Melka Adama Sub-City, Abba Gada Oromia, Ethiopia
The First
Economic Zone in Ethiopia

Dubartootni Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa(GSEZ) Guyyaa Dubartootaa (March 8) Kabajan

Dubartootni Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Guyyaa Dubartootaa (March 8) marii paanaalitiin kabajanii jiru. Hojjattootni dubartootaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa guyyaa dubartootaa (March 8) mata duree “Dubartoota irratti Invest gochuun guddina Saffisisa” jedhuun marii paanaalitiin kabajaniiru.
Bakka bu’aan Daarektaraa Ol’anaa Zoonicha Obbo Kabbadaa Baayisaa haasawa taasisaniin baay’ina ummataa keessaa harka walakkaa ol kan ta’an Dubartoota irratti Investii gochuun guddina Saffisisaa fi misooma biyyaa keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban dhaamaniiru. Itti dabaluudhaanis dubartootni qormaatilee nagaa irraa bilisa ta’uun nageenya biyyaatiif hojjachuu akka qaban obbo Kabadaan dhaamaniiru. Qabxii marii paanaalii “Dubartoota irratti Invest gochuun guddina Saffisisa” jedhu kan dhiyeessan adde Caaltuu Guddataa yoo ta’an, marii bal’aan hirmaattota paanaalichaatin gaggeeffameera.

admin
About the author

Leave a Reply