
Inveesteroota 40 doolaara miliyoona 589.93 ol galmeessisan simatee hojii keessaa kan jiru zoonichi, hojii ji’oota 6’n darbanii gamaaggamuun ciminoota jiran akka itti fufan; hanqinoonni hojii keessatti mul’atan ammoo yeroo hafe keessatti miira yeroo hin qabnuutiin karoorfachuun raawwachuun akka nurra jiraatu kallattii kan kaahan Hojii gaggeessaa Ol’aanaa zoonichaa obbo Mootummaa Tamasgeen, hojjettoonnis bifuma kallattii taa’een hojjechuun akka irra jiraatu walii galuun waltajjichi xumurameera.
Gama birootiin, hojjettoonni zoonichaa sosochii pirojeektota zoonichaa daawwataniiru. Hojiin misoomaa zoonicha keessatti gaggeessamaa jiru kan abdii namatti hour ta’uu kan ibsan hojjettoonni, milkaa’ina hojii zoonichaa tumsuun qaama seenaa ta’uu akka barbaadan ibsaniiru.
Gadaan, Gadaa misoomaati !






Views Today : 590
Total views : 720518
Who's Online : 2