Komishinii Investimentii Itiyoophiyaa waliin gaafa guyyaa 11/10/2016 hojii misoomaa Koorporeeshiniin Misooma Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa gaggeessaa jiruu pirojektoota garaa garaa kanneen akka: pirojektii bishaanii, bakka kuusaa bishaanii/ reservoir, karaa asfaaltii fi sabsiteeshinii zoonichi hojjechiisaa jiru dawwateera.Daawwannaa kana irrattis Hoogganaa I/Aanaa KMZDAG kan ta’an Eng. Dammalaash Muluu haala qabatamaa pirojektootni irra jiran irratti ibsa gaggabaabaa kennaniiru. […]