Uummata Oromoo fi sabaa fi sablammii Itiyoophiyaa hundaaf, baga jalabultii Ayyaana Irreechaa bara 2018 “Irreecha, Oka’insa Biyyaaf!” jedhamuun kabajamuun isin gahe. Ayyaanni Irreechaa ayyaana, miiliyoononni guyyaa tokkotti, bakka tokkotti bahanii nagaan kabajan, aadaa, duudhaa fi eenyummaa isaanii itti calaqqisiisan ayyaana guddaa fi Uummata Oromoo biratti ulfinaan kabajamudha. Irreechi tokkummaa cimsuu, obbolummaa labsuu fi walooma dagaagsuu […]